Ijoolleen yoo qimmiidamuu baatte guddis-baddee taatii?

December 2023 · 7 minute read

22 Guraandhala 2022

‘’Yeroo ijoollummmaa koo sukkaara hatee otoon nyaadhuu qabamee, reebichaan haati koo harcummee narratti fixxe.’’

‘’Ijoollee taanee tapha argannaan qalbii hin qabu, loon an tiksu oyiruu namaa keessa seenanii midhaan fixnaan abbaan koo alangaadhaan hamma gaggabutti na haleele.’’

‘’Barsiisaan hojii manee otoon hojjetiin akka hin dhufne jedhee nutti himee, otoo hin hojjetiin deemeen jilbeebbiin lafarra deemee, gurri koo qimmiidamee beeka.’’

Yaadni olitti dubbiftan seena adabbii namootni BBC'n dubbise ijoollummaa isaaniitti dabarsan keessaa fudhatame. Namootni baayyee seenaa adabbii ijoollummaa wal-fakkaataa akkasii kana ni qooddatu.

Harcummee dhaan reebuu, barbareen uluu, dhiituu, gaadiidhaan reebuu, kabaluu, qimmiiduufi kaanillee gosoota adabbii Itoophiyaa keessatti qaama ijoollee irratti raawwataman keessaati.

Heerri Itoophiyaa ijoolleen mana barumsaafi dhaabota eegumsaa ykn oolmaa daa’immanii keessatti adabbii qaama isaanii irratti taasifamu mara irraa bilisa tahuu qabu jedha.

Qajeelfamni naamusaa manneetii barnootaa Ministeera Barnootaa Itoophiyaas mana barumsaa keessatti adabbii qaamaa bartootaa irrattii taasifamu ni dhorka.

Ijoolleen waan mishaa gaafa dalagdu badhaasuufi jajjabeessuun akkuma barbaachisu, yeroo badii raawwataniifi namuusa kabajuu hanqatan adabuun hamaafi gaarii akka adda baasniifi badii dalagan akka baran akkasumas irra akka hin deebine gargaara jedhu ogeessonni xiin-sammuu ijoollee qoratan.

‘Ijoollee koo takkaa reebee hin beeku’

Aadde Galaanee Galataa ijoollee sadii qabu. Dubara lamaafi dhiira tokko. Ijoolleen gaafa balleessitu adabamuu qabaatanillee garuu reebuudhaan mitii jedhu.

‘’Ijoolleen koo rakkisoo hin turre, kanaaf gorsaafi jaalalaanin qabadha. Yoo waan irra darbaa raawwatan garuu waan isaan barbaadan irraa hir’isuudhaan akkasaan hubatan gochuun, akkasittan guddise,’’

Ijoollee isaanii akka dambii amantii isaanii ykn akka isaan jedhanitti,’’sagalee Waaqaa’’ itti amaniin akka guddisan dubbatu.

‘’Dhiisaa gaafan jedhu ni dhiisuu, godhaa gaafan jedhu ni godhu. kanaaf dubbiin uleetti nu geesse hin jiru, anisimmoo uleetti hin amanu, ijoollee koos takkaa reebee hin beeku,’’ jedhu haati kuni.

Haa tahu malee ijoollee otoo hin miidhiin reebuun yerootti barbaachisus ni jiraata jedhu.

‘’Akkanatti guddisuu koon ijoolleen koo isan eeguun olitti naamusaan guddatanii, barnoota isaaniinis iddoo gaarii gahaniiru. Ani qabxii gadi-aanaas yoo fidan ‘bor fooyyesitaa…’jedhaanii, dhiphina hin qaban, qabxii argatan, waan hojjetan iftoominaan walitti haasofna.’’

Ijoolleen hangam amala shaggaa qabaatanillee ijoollee gatii tahaniif mata-jabaachuufi nu aarsuu malu jedhu Aadde Galaaneen.

‘’Tahus akka aarreen yoo itti dubbanneef wallaalaa gatii tahaniif isaan cabsuu dandeenya, kanaaf yeroon itti haasa’ullee nan eeggadhaafi’’ jedhan.

Keesumaa ijoolleen yeroo umrii saalfattoo ykn dargaggummaarra gahan jijjjiirama qaamaafi yaadaa keessa waan darbaniif,’’waan alaa arganiifi dhagahaniin liqimafamaa adeemuu danda’u,’’ jedhu Aadde Galaaneen.

‘’Yeroo dargaggummaa isaaniitti jaalalaaafi xiyyeeffannoo kennuun qabuun barbaachisaa dha,’’ jedhan.

‘’Kanaan ijoolleen koo amala gaarii qabaatanii guddachuun hundaa ol na gammachiisa, garummoo barumsa isaaniis cimoo dha,’’ jedhan.

Gama biraan Aadde Liyaa Chombee immoo haadha ijoollee dhiiraa lamaati. Kan waggaa afurii fi daa’ima ji’a jahaa.

‘’Ani mucaan koo inni hangafaa adabbiif gahe, gaafa balleessu ykn waan isa miidhu gochuuf gaafa jedhu, ittin dheekkama,’dhiisii!’ nan jedhaan malee reebuutti hin amanu,’’ jetti.

Haa tahu malee balleessaa irra gaafa deddeebi’uufi waan cimaa gaafa tahu,’’hin qimmiidus garuu akkamiin godha beektaa, harkasaarra qabee al-tokkicha nan rukutaani, isa sana yeroo baayyee irra hin deebi’u,’’ jetti.

Garuu ganaa waggaa afur gatii taheefis badaa waan guddaa hin balleessu jetti.

Waan isa miidhuu danda’u,’’minjaala fa’i irra bahanii akka malee utaalaa, kufee cabuu waan danda’uuf itti dheekkama.’’

‘’Yoo kufte si dhukkuba, yoo si dhukkube immoo doktarii si geessina, inni moo marfee si waraana jechuun mala akkasii faa fayyadamna,’’ jetti.

Ijoolleen yeroo waa balleessan,’’fuula keerraa baru, si hammachuu barbaaduu, sitti haa haasa’uu barbaaduu, animmoo ‘sitti hin haasa’u’ fa’in,’’ jedhaanii.

‘’Inni kuni isaaf adabbii hunda caalu dha. ‘Dhiifama maamii’ jedhee na jala lixa,’’ jechuun ibsiti Aadde Liyaan.

Aadde Liyaan hunda caala immoo, ‘’yeroo adabbiis tahe, waa yeroo itti himnu abbaa isaa wajjin waan wal-fakkaataa itti dubbanna,’’ jette.

Gaheeyyii muuxannoo qixaaxamuu ijoollummaa isaanii BBC'f qoodan keessaa kan ta'e obbbo Dirribaa Ittafaa harcummee ofii murateen hanga kutaa 10ffaa xumurutti reebamaa guddachuu hima.

''Harcummee xiqqaa yoon muradhe maaf xiqqaa fidde jedhamee harcummee guddaa eessumni koo mureen waaniin reebamuufi ofumakoon guddicha muradha.''

''Amma ergan guddadhee bakka gaarii gahee osoo na reebuu baattee yoona kashlabbaa'een naannoo buufata konkolaataa oola jedhee galateeffadha'' jedha Dirribaan.

Dirribaan amma daa'ima qabaatus ''ofii waaniin reebamee guddadheef daa'imni koos akka kootti yoo reebamte seeraan guddatti jedhee hin amanu jedha.

Dargaggoon BBC'n dubbise biroon ammoo ''akka nuti dabarsines ta'uu baatu hamma ta'e ijoolle qixaaxuun guddisa isaanii keessatti qooda gaarii ni qabaata'' jedha.

Namni sababa hedduu qixaaxameef daandii sirrii qabate akkuma jiraachuu malu qixaaxxii baayyisuun xiinsammuu ijoolleerratti dhiibbaa hin taane uumee, hamoofi rakkisoo akka ta'anis gochuu mala jedhu namootni yaada isaanii nuu qoodan kun.

Barsiistuun maal jetti?

Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Wandiyiraad, Finfinnee argamutti barsiistuu guddinaa fi jabeenya qaamaa kan taate Yewuubdaar Mulugeetaa, mana barumsaatti ijoollee dhaanuun dhorkaa akka tahe dubbatti.

Ijoolleen yoo balleessan, ‘’ni gorsitaa, yoo tahuu baatee maatii isaanii akka fidan gootee mari’atta,’’ jedha qajeelfamni namuusa barattootaa jedha jechuun ibsiti.

Malliifi qajeelfamni inni biraan, gosa barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii jalatti, gumiin jira jetti.

‘’Barattoonni jeequun adda baafaman, gumii kanatti qabamuun gorsi garagaraa kennamaafi,’’

Barattoonni akka balleessaafi amala isaaniitti adabbiin isaanii gargar tahuu qaba jetti barsiistuun kuni.

‘’Inni kaan jechaan itti himtee waan balleessurraa ni deebi’a garuu kaan immoo karaa irra buusuuf uleedhaan sodaachisuun barbaachisaa dha,’’

‘’Tahus uleedhaan yoo rukuttes, akka isaan balleessaarraa deebi’aniif malee akka miidhamanitti miti, kanaaf immoo yeroo nu aarsanittillee miira keenya to’achuun barbaachisaa dha.’’

Kunis keesumaa, barattoota kutaa 5ffaa fi Jahaffaa irra jiran akka qajeelchu muuxannoorraa dubbachuu danda’a jetti.

‘’Uleen dhahuun dhorkaa tahus, akka balleessaafi haalasaatti ni fayyadamna, badii guddaan gahee yerootti itti gaafatamummaan nu bira dhufe, hin jiru. Barataan ija jabaatee himatee beekus hin jiru,’’ jette Barsiistuu Wubaalem.

Garuu yeroo tokko qofa,’’barataan barsiisaa hamma arrabsuutti gahee dubbiin poolisii birayyuu gahee beeka.’’

Balleessaa akkasiifi namuusni mana barnootaa biraa yeroo cabu mana barnootaarraa dhorkamuurraa hanga arii’amuutti gahuu danda'a jetti.

Ogeessi xiin-sammuu maal jedhu?

Obbo Birhaanuu Raaboo ogummaa xiinsammuufi gorsa maatiidhaan muuxannoo waggaa 25 olii kan qaban yoo tahu, qopheessaa olaanaa sagantaa raadiyoofi amma immoo seeraan digrii sadaffaa barataa jiru.

Adabbiin qaama ijoolleerratti taasifamu gama naamuusa barsiisuufi miidhaarraa isaan oolchuutiin hangam bu’aa qabeessa dha jechuun isaan gaafannee turre.

Ogeessichi maatiin dhimmoota haala guddisa ijoollee bu’uuraa, akkasumas kaayyoo adabbii baruu irraani dubbiin kan jalqabu jedhu.

‘’Ijoolleen ofii isaanii reebamuu dhiisiitii isaan biratti nama biraa yoo reebdellee, sodaachuu jalqabu.’’

‘’Maatii fi barsiisoti immoo yeroo baayyee kan ijoollee wallaalaa adaban aarii isaanii bahachuufi,’’ jedhu.

Akka qajeelfamaatti adabbiin guddisa ijooollee keessatti barbaachisaa dha jedhan Obbo Birhaanuun.

‘’Adabbiin ijoollee, maaliif akka adabaman, balleessaan isaanii miidhaa akka fiduufi lammata irra deebi’uu akka hin qabne ergaa dabarsuu qaba,’’ jedhan.

Adabbiin qaamaa ijoolleerratti taasifamu Itoophiyaatti manneen barnootaa keessatti dhorkaa dha, biyyoota guddatan muraasa keessatti immoo maatiiniyyuu ijoollee akka hin dhaanne seerri dhorka.

Garuu,’’seerri adabbii ijoollee UK ykn Ameerikaa biyya keenyatti hojjechuu dhiisuu mala, haalli baayyee murteessaa dha,’’ jedhu ogeessichi.

Obbo Birhaanuun ogeessonni xiinsammuu garagaraa , ‘’adabbiin qaamaa guutummaan guutuutti hin jiraatiin hin jedhani, akkam haa tahu?, hangam haa tahu? Kan jedhu dha dubbiin malee,’’ijoolleen ‘gadi-dhiisii’ tahuu hin qaban.

‘’Maatiinis tahe, barsiisaan ijoollee isaaniif jedhee adabu hin miidhuunii,dubbiin ijoo isa kana dha,’’ jedhan.

Maatiin daa’ima kunuunsaa guddise gaafa balleessaa raawwatu kan adabu,’’yoo waan sirrii hin goone dhukkubbiin jira, waan jedhu itti agarsiisuufi.’’

‘’Nuti dhukkubbii xiqqoo yoo hin kennineef, aaddunyaan dhukkubbii guddaa kennitiifi, kanaan dogoggora hojjechuu irraa baratu, adabbiin balleessaan dalagamee yeroo gabaabaa keessatti raawwachuu qaba malee ijoolleen waan balleessite erga irraanfatteen booda adabuun sirrii mitii,’’ jedhu.

Barsiisonni immoo silumaa maatii ijoollee gatii hin taaneef,’’ijoolleen ni sodaatti, ‘’kanaaf ogummaafi beekumsa kennuu malee, hojiin barsiisaa barataa reebuu miti,’’ jechuun hubachiisu.

Haatiifi abbaan immoo yeroo ijoollee gorsanis tahe adaban ‘’tokko tahuu’’ qabu. ‘’Kanaachi ijoolleen ni burjaajofti, keesumaa miseensonni maatii biroo ijoollee adabuu hin qaban, ittii gaafatamummaan kan haadhaafi abbaati,’’ jedhu.

Ijoollee karaa irra buusuufi qajeelchuun dhimma hamma waggaa 18 deemuu qabu tahus, waaggaa sadii hanga torbaa garuu, ‘’sammuun isaanii qulqulluu akka warqaati gatii taheef waan isaan nuu tahan hawwinu hunda sammuu ijoollee keenyaarratti barreessuu dandeenya,'' jedhan.

Kanaaf adaba gosa kamirraayyuu ijoolleen miidhaa qaaamaafi xiin-sammuu malee akka guddattuuf nagaafi fakkeenyummaa haadhaaf abbaa gidduu jirutu sadarakaa olaanaa taheen murteessaa tahuu himan.

‘’Ijoolleen isa itti himamuufi dhageessu caalaa gochaa maatii irra hordofuun akkeessuun baratti,’’ jedhaniiru.

ncG1vNJzZmivp6x7o67CZ5qopV%2BWs6KtzaipqKWfpHywsNSuZG9oZGd%2Bc4WW